Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

94 - The Relief - Ash-Sharĥ

:1

Sila Nuti qoma kee siif hin bal'ifnee?

:2

Ba’aa (badii) kee sirraa buufne.

:3

Isa dugda keetti gar malee ulfaate (sirraa buufne).

:4

Maqaa keetis siif ol kaafne.

:5

Rakkinaa wajjin laafinatu jira.

:6

Dhugumatti, rakkina wajjin laafinatu jira.

:7

Yeroo (dalagaa wahii) raawwattes jabaadhu

:8

Gara Gooftaa keetii qofa kajeeli