Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

95 - The Fig - At-Tīn

:1

Tiiniifi Zaytuuniiniin (kakadha).

:2

Gaara (Tulluu) Siiniinaatiinis.

:3

Biyya nagaa kanaanis (nin kakadha).

:4

Dhugumatti, Nuti nama dhaabbii irra gaarii ta'e keessatti isa uumne.

:5

Ergasii bakka warra jalaa hundarra gadi aanaa ta'etti isa deebifne.[]

:6

Garuu isaan amananii gaggaarii dalagan isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira.

:7

Kana booda maaltu mindaa [guyyaa Qiyaamaa] si kijibsiisa (kijibsiisutti si kaase)?

:8

Sila Rabbiin irra murteessaa warra murteessanuu hin taanee?