Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

1 - The Opener - Al-Fātiĥah

:1

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin

:2

Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati

:3

Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.

:4

Abbaa (mootii) guyyaa murtii

:5

Si qofa gabbarra; Si qofa gargaarsifannas

:6

Daandii sirrii nu qajeelchi.

:7

Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti hin dallanaminiifi hin jallatinii (nu qajeelchi)