1 - The Opener - Al-Fātiĥah
:1
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
:2
Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati
:3
Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.
:4
Abbaa (mootii) guyyaa murtii
:5
Si qofa gabbarra; Si qofa gargaarsifannas
:6
Daandii sirrii nu qajeelchi.
:7
Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti hin dallanaminiifi hin jallatinii (nu qajeelchi)