Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa
1

Waareenin (kakadha).

2

Halkaniinis yeroo inni callise.

3

Gooftaan kee si hin dhiifne; si hin jibbines

4

Dhugumatti, Aakhiraatu addunyaa irra siif caala.

5

Dhugumatti, Rabbiin kee fuula dura (kenna guddaa) siif kenna; ni jaallattas

6

Sila yatiima ta’uu si argee si hin hirkifnee?

7

Dogoggoraas ta’uu si argee si qajeelche.

8

Hiyyeessas taatee si argee si duroomse.

9

Yatiima hin hacuucin

10

Kadhataas hin ifatin

11

Ni'imaa (qananii) Gooftaa keetiis odeessi.