Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

76 - The Man - Al-'Insān

:1

Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee?

:2

Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone

:3

Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa ta'een karaa isa qajeelchine.

:4

Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra.

:5

Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu.

:6

(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu

:7

Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atus ni sodaatu

:8

Nyaatas ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu.

:9

(Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu.

:10

Dhugumatti, nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.”

:11

Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise.

:12

Sababa isaan obsaniifis jannataafi hariira galata isaaniif galche

:13

Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu)

:14

Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu).

:15

Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama.

:16

Qaruuraalee meeta irraa ta'een hanga isaan ga'u ishee (irraa) qoodu.

:17

Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu.

:18

Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu).

:19

Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu

:20

Yeroo achi keessa ilaaltes qananiifi mootummaa guddaa argita.

:21

Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qal'aafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa

:22

"Dhugumatti, kun mindaa isiniif ta'eeraDalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama).

:23

Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra

:24

Murtii Gooftaa keetiitiifis obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.

:25

Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi.

:26

Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati

:27

Dhugumatti, warri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataas fuulduratti dhiisu (dagatu).

:28

Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna.

:29

Dhugumatti, kuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.

:30

Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetanRabbiin beekaa ogeessa ta’eera.

:31

Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse.