Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

77 - The Emissaries - Al-Mursalāt

:1

(Maleykota) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha.

:2

(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis;

:3

(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis;

:4

(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis;

:5

(Malaykota) ergaa buuftotattis;

:6

Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha).

:7

Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha.

:8

Yeroo urjiiwwan ifti ishee haqamte,

:9

Yeroo samiinis babbanamte;

:10

Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte,

:11

Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte;

:12

Guyyaa kamiif beellamaman?

:13

Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman)

:14

Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise?

:15

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e

:16

Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee?

:17

Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna.

:18

Yakkamtootas akkanuma goona.

:19

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:20

Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee?

:21

Bakka mijaa'aa keessas isa goone.

:22

Hanga yeroo beekamaatti

:23

Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole

:24

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:25

Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee?

:26

Jiraafi du'aas (walitti qabdi)?

:27

Gaarreen ragga'oo dhedheeraa ishee keessatti gooneBishaan mi'aawaas isin obaafne.

:28

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:29

(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa.

:30

Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa."

:31

Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu

:32

Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti.

:33

Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata.

:34

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:35

Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha.

:36

Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu.

:37

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:38

Kun guyyaa adda foo'amiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne.

:39

Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa.

:40

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:41

Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu.

:42

Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u).

:43

"Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu).

:44

Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina.

:45

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:46

(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama).

:47

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:48

Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu.

:49

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

:50

Isaan ala haasawa kamitti amanu ree?