Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

75 - The Resurrection - Al-Qiyāmah

:1

Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha.

:2

Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu)

:3

Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa?

:4

Eeyyeen (walitti ni qabna)(Nuti) qubbeen isaatuu akka turanitti deebifnee sirreessuu irratti danda'oodha

:5

Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha.

:6

"Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata.

:7

(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu.

:8

(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u)

:9

Aduufi jiinis walitti qabamu.

:10

Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha

:11

Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru.

:12

Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti.

:13

Namni guyyaa san wanti inni hojjateefi dhiise itti himama

:14

Dhugumatti, namni of irratti ragaadha

:15

Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu

:16

Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin

:17

Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira.

:18

.Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi

:19

Ergasii isa ibsuun Nurra jira.

:20

Dhugumatti, isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu.

:21

Aakhiraa ni dhiiftu

:22

Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha

:23

Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha

:24

Fuulli gariinis Guyyaa san akkaan suntuurtuudha.

:25

Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi.

:26

Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee bira geesse,

:27

(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame,

:28

(Namni du'aa jiru sun) ‘dhugumatti, inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate;

:29

(Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte.

:30

Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti.

:31

Hin amanne; hin salaanne.

:32

Garuu kijibsiisee irraa gara gale.

:33

Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme

:34

Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

:35

Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

:36

Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa?

:37

Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree?

:38

Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute.

:39

Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise

:40

Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti danda'aa mitii?