Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

68 - The Pen - Al-Qalam

:1

NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha.

:2

Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane.

:3

Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira.

:4

Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta.

:5

Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru.

:6

Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu).

:7

Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka.

:8

Kijibsiiftotaaf hin ajajamin.

:9

Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu.

:10

Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin.

:11

Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin).

:12

Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis.

:13

Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan ta'een (hin ajajamin).

:14

Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare).

:15

Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe.

:16

Funyaan irratti isa mallatteessina.

:17

Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra

:18

Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).

:19

Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e

:20

Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte

:21

Bariidhaan walitti lallaban.

:22

"Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan).

:23

Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.

:24

"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).

:25

(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.

:26

Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha.

:27

Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha."

:28

Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.

:29

"Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.

:30

Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.

:31

Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota.

:32

Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).

:33

Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan).

:34

Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.

:35

Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa?

:36

Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu!

:37

Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?

:38

Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)?

:39

Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo?

:40

Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu.

:41

Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu.

:42

Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].

:43

Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan.

:44

Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna.

:45

Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha.

:46

Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)?

:47

Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo?

:48

Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin ta'in.

:49

Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture.

:50

Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe.

:51

Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhaga'an ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu.

:52

Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.