Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

67 - The Sovereignty - Al-Mulk

:1

(Rabbiin) Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli isaa baay'ateInni waan hunda irratti danda'aadha.

:2

(Rabbiin) Isa eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha du'aafi jireenya uumeedhaInnis injifataa, araaramaadha.

:3

(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumeedha; uumaa Rahmaan keessatti wal dhabbii irraa homaa hin argituMee agartuu kee (gara samii) deebisii dhoohaa irraa waan ta'e ni argitaa?

:4

Ergasii yeroo baay'ee ija deddeebisi; ijji (kee) hoonga'aa dadhabaa ta'ee gara kee deebi'a.

:5

Dhugumatti, samii addunyaa ibsaawwaniin (urjiiwwaniin) miidhagsineerraSheyxaanotaafis furguuggee ishee gooneIsaaniifis adabbii ibidda boba'aa qopheessineerra.

:6

Isaan Gooftaa isaaniitti kafaraniifis adabbii jahannamtu jiraDeebi’ichis waa fokkate!

:7

Yeroo ishee keessatti darbamanis haala isheen danfuutti jirtuun isheedhaaf (sagalee akka) halaaka harree dhaga'u.

:8

Dallansuu irraa kan ka'e ciccituutti dhihaatti; dhawaata gareen wahii ishee keessatti darbamuun waardiyyaan ishee "sila akeekkachiisaan (nabiyyiin) isinitti hin dhufnee?" (jechuun) isaan gaafata.

:9

"Eeyyeen; dhugumatti akeekkachiisaan nutti dhufeera; sobsiifneeti 'Rabbiin homaa hin buufne; isin jallina guddaa keessa jirtu' jenneen" jedhu

:10

"Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallu taanee, silaa warra ibidda boba'aa keessaa hin taanu turre" jedhan

:11

Dilii isaaniis ni amananWarra ibidda boba'aatiifis (rahmata Rabbii irraa) fagaachuun haa jiraatu!

:12

Dhugumatti, warra Gooftaa isaanii fagootti sodaataniif araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.

:13

Haasa'a keessan gadi qabaa yookiin immoo ol qabaa; Inni beekaa waan qoma keessaati.

:14

Sila Inni (iccitii) uumee keessa argaafi beekaa ta'e, (iccitii isaanii) hin beekuu!

:15

Inni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaaDeebiinis garuma Isaatti

:16

Sila Inni samii olii, dachii isiniin kunnaan, achumaan isheen socho’uu of ni amantuu?

:17

Yookiin immoo Inni samii olii bubbee cirracha qabu isin irratti erguu ni amantuu? Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.

:18

Dhugumatti, warri isaaniin duraas sobsiisaniiru; (adabbiin) Ana diduu akkam tureree!

:19

Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabuDhugumatti, Inni waan hunda argaadha.

:20

Sila inni Rahmaaniin alatti humna waraanaa keessan ta'ee isin tumsuu danda'u eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessa malee hin jiranu.

:21

Odoo Inni soorata Isaa qabee, inni isin sooru eenyuma? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufaniiru.

:22

Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu caalaa qajeelaa dha?

:23

Jedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuufi onnee isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate!"

:24

Jedhi: "Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha; garuma Isaatti oofamtus."

:25

"Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni kun yoomi?" jedhu.

:26

Jedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa Rabbiin bira qofa jiraAni immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."

:27

Yeroma dhihoo ta'ee isa (beellamicha) argan fuulli warra kafaranii fokkatte"Inni kun isa waammataa turtanii dha" jedhame

:28

"Mee naaf himaa! yoo Rabbiin anaafi nama ana wajjin jiru balleesse yookiin rahmata nuuf godhe, namni kaafiroota adabbii laalessaa irraa baraaru eenyu?" jedhi.

:29

"Inni RahmaaniIsatti amanne; Isa irrattis hirkanneNamni jallina ifa ta'e keessa jiru eenyu akka ta'e beekuuf jirtu" jedhiin.

:30

Jedhi: "Mee naaf himaa! odoo bishaan keessan dachii keessa gadi lixaa ta'ee namni bishaan yaa'u isiniif fidu eenyu?"