Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

69 - The Reality - Al-Ĥāqqah

:1

Mirkaneessituun,

:2

Mirkaneessituttiin maali?

:3

Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise?!

:4

(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru.

:5

Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman

:6

Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman.

:7

Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita

:8

Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa?

:9

Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan.

:10

Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe.

:11

Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne.

:12

Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)

:13

Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte,

:14

Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban,

:15

Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti.

:16

Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha.

:17

Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'uArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu.

:18

Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu.

:19

Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa.

:20

Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”

:21

Innis jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.

:22

Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a).

:23

Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an;

:24

"Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama).

:25

Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee.

:26

Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu hafee.

:27

Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa!

:28

Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne).

:29

Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha).

:30

Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa).

:31

Ergasii ibidda isa seensisaa

:32

Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa.

:33

Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture.

:34

Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture.

:35

Har’a asitti firri isaaf hin jiru.

:36

Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru.

:37

Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu.

:38

Waan isin argitaniinis niin kakadha.

:39

Waan isin hin argineenis (niin kakadha).

:40

Dhugumatti, inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati.

:41

Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu.

:42

Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu.

:43

Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.

:44

Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee,

:45

Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre.

:46

Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre.

:47

Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru.

:48

Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa.

:49

Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna.

:50

Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.

:51

Dhugumatti, inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaa’aadha.

:52

Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi.