Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

51 - The Winnowing Winds - Adh-Dhāriyāt

:1

(Qilleensa) bubbisuu bubbiftuunin kakadha.

:2

(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis.

:3

(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis.

:4

(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis.

:5

Wanti isin beellamamtan dhugaadha.

:6

(Guyyaan) murtii dhugumatti argamaadha.

:7

Ammas samii abbaa miidhaginaatiin kakadhe.

:8

Dhugumatti, isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu.

:9

Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha.

:10

Sobdoonni abaaramaniiru.

:11

Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha.

:12

“Guyyaan mindaa yoomi?” (jechuun) gaafatu.

:13

(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamaniidha.

:14

“Adaba keessan kan ariifataa turtan dhandhamaa” (isaaniin jedhama).

:15

Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu.

:16

Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa (jiraatu)Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan.

:17

Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan.

:18

Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha.

:19

Kan qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jiruudha.

:20

Dachii keessas isaan dhugaan amananiif mallattooleetu jiru.

:21

Lubbuu keessan keessas (akkasuma)Sila hin argitanuu?

:22

Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis samii keessa jira.

:23

Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti.

:24

Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa?

:25

Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan[Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); isin namoota ani hin beekneedha” jedheen.

:26

Ergasii gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe.

:27

Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe.

:28

Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabeIsaan “hin sodaatin” jedhaniinIlma beekumsa qabuunis isa gammachiisan.

:29

Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufteFuula ishee dhadhayaa “Ani jaartii manguddoo maseena hoo (akkamittin daha)!” jette

:30

(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”

:31

(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”

:32

[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne.

:33

Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”

:34

Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan mallateeffamte haala taateen.

:35

Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne.

:36

Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine.

:37

Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra.

:38

(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra).

:39

Innis (Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe.

:40

Isaafi waraana isaas haala komatamaa ta’een qabnee galaana keessatti isaan darbine

:41

(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira).

:42

Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu.

:43

(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira).

:44

Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonanOdoo isaan ilaalanuu iyyansi (dhumti) isaan qabatte.

:45

Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane.

:46

Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra)Dhugumatti, isaan ummata finciltoota turan.

:47

Samiis humnaan ishee ijaarreDhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha.

:48

Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle!

:49

Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne.

:50

Gara Rabbii baqadhaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.

:51

Allaah wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisinaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.

:52

Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee

:53

Sila (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha.

:54

Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti.

:55

Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii.

:56

Jinniifi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.

:57

Soorata homaatuu isaan irraa hin fedhuAkka Ana nyaachisanis hin fedhu.

:58

Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati.

:59

Dhugumatti, miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne.

:60

Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera.