Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

50 - The Letter "Qaf" - Qāf

:1

QaafQur’aana guddaanin (kakadha).

:2

Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatanKaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan.

:3

“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu).

:4

Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirraGalmee tiksaatu nu bira jira.

:5

Dhugumatti isaan dhugaa, yeroo inni isaanitti dhufu sobsiisanii jiruIsaan dubbii wal makataa keessa jiru.

:6

Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu, kan uraa homaatuu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarreefi miidhagsine hin ilaallee?

:7

Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine.

:8

Gabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone).

:9

Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine.

:10

Hundee muka timiraa dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni magarsine).

:11

Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne)Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifneBaafamuunis akkasuma.

:12

Isaaniin dura ummanni Nuuh, warri eelaa (biirii)fi Samuudis ni sobsiifte.

:13

Aad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis.

:14

Warri bosonaafi ummanni Tubba’isHunduu ergamtoota sobsiisanii, adabbiin kiyya isaanitti mirkanaa’e.

:15

Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.

:16

Nuti dhugumatti, nama uumneerraWaan lubbuun isaa itti hasaastus ni beeknaNuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (hamaa) irra gara isaatti dhihoodha.

:17

Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoo dha).

:18

Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee jecha tokkoyyuu hin dubbatu.

:19

Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti“Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan).

:20

Xurumbaa ni afuufama; sun guyyaa waadaati.

:21

Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte.

:22

“Ati kana irraa daguu keessa turteNuti haguuggaa kee sirraa kaafneKanaafuu ijji kee har’a qara” (jedhamaan).

:23

Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira jiruudha.”

:24

Isin lamaanuu akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa.

:25

(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa).

:26

Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise adabbii cimaa keessa isa buusaa.

:27

Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani daangaa isa hin dabarsineGaruu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”

:28

Rabbiin ni jedha: “Ana biratti wal hin falminaa; Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera.

:29

Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Anis gabroota kiyya irratti miidhaa raawataa miti.”

:30

Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (hin jijjiiramu.)

:31

Jannannis namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin dhiheeffamte.

:32

Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiin “kun waan waadaa galamtaniidha” (jedhama).

:33

“Nama fagotti Rabbi sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi.

:34

Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama).

:35

Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jiraNu bira daballis jira.

:36

Isaan dura dhaloota humnaan isaan irra ciccimoo turan baay’ee balleessinee jirraBiyya keessa “iddoo baqaa argannaa?” jechaa fiigaa turan.

:37

Dhugumatti, nama onnee qabuuf yookiin isa yeroo (gorsa) irratti hirmaatu gurra itti kennuuf, sana keessa yaadannootu jira.

:38

Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne.

:39

Waan isaan jedhanu irratti obsiFaaruu Rabbii keetiitiinis baha biiftuu duraafi lixa (ishee) dura salaati.

:40

Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (sunnaalee sagadi).

:41

Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabus dhaggeeffadhu.

:42

Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati.

:43

Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya

:44

Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya)Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.

:45

Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniitiAtis isaan irratti moosifamaa hin taaneNama adabbii kiyya sodaatu Qur’aanaan gorsi.