Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

52 - The Mount - Aţ-Ţūr

:1

(Gaara) Xuuriin kakadhe.

:2

Kitaaba barreeffamaanis.

:3

Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.

:4

Mana jiraachifamaanis.

:5

Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis.

:6

Galaana qabsiifamaaniis.

:7

Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.

:8

Wanti isa deebisu tokkolleen hin jiru.

:9

Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu.

:10

(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu.

:11

Warra guyyaa san kijibsiisaniif badii ibiddaatu jira.

:12

(Isaan) warra soba keessa taphataniidha.

:13

Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman

:14

(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.

:15

Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu?!

:16

Ishee seenaa (dhandhamaa); obsitanus yookiin obsuu baattanus isiniif waluma qixaWanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).

:17

Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannataafi qananii keessa jiraatu.

:18

Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaaniis adabbii gubaa jalaa isaan baraarse.

:19

“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama).

:20

Sireewwan hiriira galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu)Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna.

:21

Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna(Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnuNamni hunduu waan hojjateen qabamaadha.

:22

Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa.

:23

Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) kan ishee keessa sobaafi diliin hin jirre walitti daddabarsu (waliif kennu).

:24

Ijoollee dhiiraa isaanii warra faaya eegamaa fakkaatantu isaan irra naanna’u.

:25

Gariin isaaniis garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu.

:26

Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.

:27

Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse.

:28

Nuti dhugumatti, kana dura Isa kadhataa turreInni dhugumatti, Isumatu tola oolaa, mararfataadha.”

:29

Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti.

:30

“Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhan mitii?

:31

“Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin.

:32

Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata daangaa darboodha.

:33

Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne.

:34

Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu.

:35

Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha?

:36

Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu.

:37

Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira moo isaantu injifattoota?

:38

Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.

:39

Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru?

:40

Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate?

:41

Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?

:42

Lakkii! Tooftaa baasuu fedhaniWarri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu.

:43

Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.

:44

Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu

:45

Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi.

:46

Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).

:47

Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.

:48

Murtii Gooftaa keetiitiif obsiDhugumatti, ati tika keenya jala jirtaYeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi.

:49

Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi)