Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

98 - The Clear Proof - Al-Bayyinah

:1

Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran odoo ragaan isaanitti hin dhufin kan dhiifamanu[] hin taane.

:2

(Ragichis) ergamaa Rabbi irraa ta’e kan kitaabota qulqulleeffame dubbisu.

:3

Ishee keessa barreeffamoota sirriitu jira.[]

:4

Isaan kitaaba kennamanis hanga ragaan ifaan isaanitti dhufutti adda hin facaane.

:5

Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamneKun immoo amantii qajeelaadha.

:6

Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatuWarri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati.

:7

Dhugumatti, isaan amananiifi gaggaarii hojjatan, isaan sun isaanumatu irra caalaa uumamaati.

:8

Mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti jannata qubsumaa kan jala ishee laggeen yaatu yeroo hunda ishee keessa jiraatuRabbiin isaan irraa jaalateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruKun nama Gooftaa isaa sodaatuuf qofa ta’a