All Islam Directory
1

Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran odoo ragaan isaanitti hin dhufin kan dhiifamanu[] hin taane.

2

(Ragichis) ergamaa Rabbi irraa ta’e kan kitaabota qulqulleeffame dubbisu.

3

Ishee keessa barreeffamoota sirriitu jira.[]

4

Isaan kitaaba kennamanis hanga ragaan ifaan isaanitti dhufutti adda hin facaane.

5

Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamneKun immoo amantii qajeelaadha.

6

Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatuWarri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati.

7

Dhugumatti, isaan amananiifi gaggaarii hojjatan, isaan sun isaanumatu irra caalaa uumamaati.

8

Mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti jannata qubsumaa kan jala ishee laggeen yaatu yeroo hunda ishee keessa jiraatuRabbiin isaan irraa jaalateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruKun nama Gooftaa isaa sodaatuuf qofa ta’a