Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

97 - The Power - Al-Qadr

1

Dhugumatti, Nuti halkan sadarkaa qabdu keessa isa (Qur'aana) buufne

2

Halkan sadarkaa qabdu maal akka taate maaltu si beeksise?

3

Halkan sadarkaa qabdu ji'a kumarra caalti.

4

Maleykonniifi Jibriil ishee keessa eeyyama Gooftaa isaaniitiin ajaja hundaan bu'u.

5

Isheen hanga baha fajriitti nagaadha