Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

64 - The Mutual Disillusion - At-Taghābun

:1

Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessaMootummaan kan Isaa ti; faarunis kan IsaatiInni waan hunda irratti danda'aadha.

:2

Inni Isa isin uumeIsin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jiraRabbiin waan isin dalagdan argaadha.

:3

Samiifi dachii dhugaan uumeIsinis bocee boca keessan gaaromseDeebiinis garuma isaati

:4

Wantoota samiifi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beekaRabbiin waan qoma keessaa beekaadha

:5

Sila oduun warra duraan kafaranii adabbii kufrii isaanii dhandhamanii isinitti hin dhufnee! Isaaniifis ibidda laalessaatu jira.

:6

Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifiRabbiinis of ga'eRabbiin dureessa faarfamaadha

:7

Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan"Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himamaSunis Rabbirratti laafaa dha" jedhiin.

:8

Rabbiifi Ergamaa Isaatti, akkasumas ifa isa Nuti buufnetti amanaaRabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.

:9

Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]Sun guyyaa wal gowwoomsuutiNamni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) dilii isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishee laggeen yaatu keessa abaditti hafoo ta'anii isa seensisaSun milkii guddaadha.

:10

Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, ishee keessatti hafoo ta'anii isaan warra ibiddaati(Isheen) deebii ta'uun waa fokkatte!

:11

Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin ala nama hin tuquNama Rabbitti amanes qalbii isaa ni qajeelchaRabbiin waan hunda beekaadha.

:12

Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaaYoo gara galtanis wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu qofa.

:13

Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMu'uminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu

:14

Yaa warra amantan! Dhugumatti, niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaaYoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha

:15

Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodhaRabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.

:16

Hanga dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuu keessaniif caalaa ta'aNamni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha.

:17

Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramasRabbiin galateeffataa obsaadha.

:18

(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa