Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

63 - The Hypocrites - Al-Munāfiqūn

:1

Munaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii ta'uu kee ragaa baana" jedhuDhugumatti Rabbiin ati Ergamaa isaa ta'uu ni beekaMunaafiqoonni akkaan sobdoota ta'uu Rabbiin ragaa ba'a

:2

Kakuu isaanii gaachana godhatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuIsaan dhugumatti wanti isaan dalagaa turan fokkate

:3

Kunis sababa isaan amananii ergasii kafaraniifiWaan onnee isaanii irratti cufameef isaan hin hubatanu.

:4

Yeroo isaan argites qaamoleen isaanii si dinqisiiftiYoo isaan haasa'anis dubbii isaanii ni dhageeffataIsaan akka mukkeen hirkifameetiIyya hundaa isaan irratti (iyyame) jechuu yaaduIsaanumatu diinota; kanaafuu isaan eeggadhuRabbiin isaan haa abaaruu akkamitti (amantii irraa) deebi'u!

:5

Yeroo "kottaa Ergamaan Rabbii araarama isiniif haa barbaadu" isaaniin jedhame mataa isaanii naannessuKan isaan boonaa gara galanus ni argita

:6

Araarama isaanii barbaaddus isaanii barbaaduu dhiiftus isaan irratti wal qixa; Rabbiin isaaniif hin araaramuRabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu

:7

Isaan warra "namoota Ergamaa Rabbii bira jiranu hanga isaan faffaca'anutti isaan irratti hin arjoominaa" jedhanuudhaKuusaaleen samiifi dachii kan Rabbiiti; garuu munaafiqoonni hin hubatanu.

:8

"Yoo gara Madiinaa deebineef, dhugumatti, (nuti) injifattoonni ishee irraa salphattoota baasuuf jirra" jedhuInjifannoon kan Rabbii, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekanu

:9

Yaa warra amantan! Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin daginNamoonni kana dalagan isaanumatu hoonga'oota.

:10

Odoo tokkoon keessanitti duuti dhufnaan "Gooftaa kiyya! Odoo hanga beellama gabaabaatti na tursiiftee, silaa dhugumatti, sadaqadheen warra gaggaarii irraayis ta'a" hin jedhin dura waan nuti isiniif kennine irraa kennadhaa

:11

Rabbiin immoo lubbuu tokko yeroo beellamni ishee dhufe hin tursiisuRabbiin keessa Beekaa waan isin dalagdaniiti