Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

55 - The Beneficent - Ar-Raĥmān

:1

Ar-Rahmaan.

:2

Qur’aana barsiise.

:3

Nama ni uume.

:4

Haasa’a isa barsiise.

:5

Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu.

:6

Biqilaafi mukkeenis (Allaahf) sujuudu.

:7

Samii ol ishee fuudhe; madaalas ni kaaye.

:8

Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha.

:9

Madaala sirriitti qajeelchaa; madaala hin hir’isinaa.

:10

Dachiis uumama hundaaf ishee kaaye.

:11

Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.

:12

Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru.

:13

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:14

(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume.

:15

Sheyxaana immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume.

:16

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:17

(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti.

:18

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:19

Galaanota lamaan kan wal qunnaman taasisee gadi lakkise.

:20

Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makamanu.

:21

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:22

Isaan lamaan irraayyuu faayaafi burjaanaatu baha.

:23

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:24

Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati.

:25

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:26

Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.

:27

Fuula Gooftaa keetii, kan guddinaafi ulfinaatu hafa.

:28

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:29

Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi Isa kadhataGuyyaa hunda Inni hojiitti jira.

:30

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:31

Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna.

:32

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:33

Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiifi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraaDandeettiin malee hin qaxxaamurtan.

:34

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:35

Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergamaErgasii of irraa dhorguu hin dandeessanu.

:36

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:37

Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate.

:38

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:39

Ilmi namaas ta’ee jinniin guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu.

:40

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:41

Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamuSammuufi miila ni qabamu

:42

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:43

“Kun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama).

:44

Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.

:45

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:46

Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.

:47

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:48

Kan dameewwan dhedheeroo qaban

:49

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:50

Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.

:51

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:52

Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira.

:53

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:54

Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’uFuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha.

:55

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:56

Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii dhirsa isaanii irratti gabaabsan, kan san dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.

:57

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:58

Faayaafi burjaana fakkaatu.

:59

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:60

Sila mindaan toltuu toltuu malee ni jiraa?

:61

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:62

Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira.

:63

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:64

Magariisa gurraacha’aadha

:65

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:66

Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.

:67

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:68

Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.

:69

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:70

Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira.

:71

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:72

Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.

:73

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:74

Isaan dura namaafi jinniinis hin tuqne

:75

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:76

Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii taa’u.

:77

Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?

:78

Maqaan Gooftaa keetii, abbaa guddinnaafi ulfinaa guddate