Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

54 - The Moon - Al-Qamar

:1

Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe.

:2

Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu.

:3

(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha.

:4

Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera.

:5

Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.

:6

Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu;

:7

(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu

:8

Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu.

:9

Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan

:10

“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate.

:11

Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne.

:12

Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan.

:13

Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene)

:14

Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti.

:15

Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata?

:16

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?

:17

Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa?

:18

(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?

:19

Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine.

:20

Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.

:21

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?

:22

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa?

:23

(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru.

:24

Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra.

:25

Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.

:26

Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru.

:27

Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis.

:28

Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha.

:29

Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane

:30

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?

:31

Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.

:32

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa?

:33

Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru.

:34

Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine.

:35

Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina.

:36

Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru.

:37

Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).

:38

Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate.

:39

Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).

:40

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa?

:41

Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera.

:42

Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.

:43

(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?

:44

Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu.

:45

Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru.

:46

Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.

:47

Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.

:48

Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan).

:49

Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne.

:50

Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa.

:51

Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa?

:52

Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira.

:53

Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha.

:54

Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu.

:55

Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.