105 - The Elephant - Al-Fīl
1
Sila Gooftan kee Abbootii Arbaa irratti akkam akka dalage hin arginee?
2
Sila tooftaa isaanii dhabama hin goonee? (godheera).
3
Simbira garee gareedhaan isaanitti erge.
4
Dhagaalee xuubii (suphee gubamte) irraa taate isaanitti darbatti.
5
Akka alalaa (okaa) nyaatamee isaan taasise.