105 - The Elephant - Al-Fīl
:1
Sila Gooftan kee Abbootii Arbaa irratti akkam akka dalage hin arginee?
:2
Sila tooftaa isaanii dhabama hin goonee? (godheera).
:3
Simbira garee gareedhaan isaanitti erge.
:4
Dhagaalee xuubii (suphee gubamte) irraa taate isaanitti darbatti.
:5
Akka alalaa (okaa) nyaatamee isaan taasise.