Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

104 - The Traducer - Al-Humazah

:1

Hamattuufi arrabsituu hundaaf badiin mirkanaa’e.

:2

Isa qabeenya walitti qabee lakkaa'e.

:3

Qabeenyi isaa isa hambisuu kan yaadu.

:4

Haa dhorgamu! [Ibidda] caccabsituu keessatti darbamuuf jira.

:5

Caccabsituun maal akka taate maaltu si beeksise?

:6

(Isheen) ibidda Rabbii kan qabsiifamtuudha.

:7

Ishee onnee irratti (laalaan ishee) mul’attuudha.

:8

Dhugumatti, isheen isaan irratti cufamtuudha.

:9

Utubaalee diriirfamaa keessatti (itti cufama).