Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

101 - The Calamity - Al-Qāri`ah

:1

Qalbii rukuttuun (Qiyaamaan).

:2

Qalbii rukuttuun maali?

:3

Qalbii rukuttuun maal akka taate maaltu si beeksise?

:4

Guyyaa namni akka billaacha faffacaafamee ta’u.

:5

(Guyyaa) gaarreen akka jirbii iddamee (qaasasame) ta'u.

:6

Namni madaalli (hojii) isaa ulfaatte,

:7

Inni jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.

:8

Namni madaalli (hojii) isaa salphatte immoo,

:9

Haati isaa “Haawiyaa[]”dha.

:10

Isheen (Haawiyaan) maal akka taate maaltu si beeksise?

:11

(Isheen) ibidda gubduudha.