100 - The Courser - Al-`Ādiyāt
:1
(Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha),
:2
(Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,
:3
(Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;
:4
Isaan dhukkee ol kaasanitti;
:5
Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].
:6
Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha.
:7
Inni kana irratti ragaadha
:8
Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha.
:9
Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu?
:10
Yeroo wanti qoma keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)
:11
Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha.