91 - The Sun - Ash-Shams
:1
Aduufi ifa isheetiinin (kakadha).
:2
Ji’aanis; yeroo inni ishee hordofe.
:3
Guyyaanis yeroo inni ishee (aduu) mul’ise;
:4
Halkaniinis yeroo inni ishee haguuge;
:5
Samiifi kan ishee ijaareenis;
:6
Dachiifi kan ishee diriirseenis;
:7
Lubbuufi kan ishee uumeenis;
:8
Kan jal’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise.
:9
Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
:10
Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e.
:11
Samuud daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte.
:12
Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte).
:13
Ergamaan Rabbiis isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe.
:14
Isa kijibsiisanii ishee waraananSababa badii isaanii isaan balleessee wal qixxeesse.
:15
Haaloo ishee hin sodaatu