Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

89 - The Dawn - Al-Fajr

:1

Bariinin[] (kakadha).

:2

Halkan kurnaniini,

:3

Cimdiifi qarattis;

:4

Halkanittis; yeroo inni deeme.

:5

Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira)!

:6

Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee?

:7

Iramiin warra dhedheerootti,

:8

Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san.

:9

Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan).

:10

Fir'awniinis abbaa shikaalaatti;

:11

Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran.

:12

Kan ishee keessatti badii baay'isan.

:13

Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse.

:14

Dhugumatti, Gooftaan kee qeexaadha (beekaadha).

:15

Namni yeroo gooftaan isaa isa kabajuun qanansiisee isa qorate “Gooftaan kiyya na kabaje” jedha.

:16

Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha.

:17

Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan.

:18

Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan.

:19

Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate nyaattu.

:20

Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu.

:21

Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte.

:22

(Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan].

:23

Guyyaa san jahannamis ni fidamaGuyyaa san namni ni yaadataYaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree?

:24

Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa."

:25

Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu.

:26

Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu.

:27

“Yaa lubbuu tasgabbooftuu![]

:28

Jaallataa, jaallatamaa gara Gooftaa keetii deebi'i.

:29

Gabroota kiyya keessas seeni.

:30

Jannata kiyyas seeni” (jedhamti)