87 - The Most High - Al-'A`lá
:1
Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi.
:2
Isa (waan hunda) uumee guute.
:3
Isa murteessee qajeelche.
:4
Isa marga baase,
:5
Goggogaa gurraacha isa taasise.
:6
Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu
:7
Waan Rabbiin fedhe maleeInni mul’ataafi dhokataas ni beeka.
:8
Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna
:9
Yoo yaadachiisni kan fayyadu ta’e yaadachiisi.
:10
Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jira.
:11
Hoonga'aan ishee irraa fagaata.
:12
Inni ibidda guddoo seenu.
:13
Ergasii ishee keessatti hin du'u; hin jiraatus.
:14
Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e.
:15
Maqaa Gooftaa isaa dubbatee kan salaate.
:16
Inumaa isin jiruu addunyaa filattu.
:17
Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu].
:18
Dhugumatti, kun barreeffamoota duraanii keessa jira.
:19
Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira]