Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

85 - The Mansions of the Stars - Al-Burūj

:1

Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha).

:2

Guyyaa beellamamaanis,

:3

Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa),

:4

Warri boollaa abaaraman

:5

(Warri) ibidda boba’aa.

:6

Yeroo isaan ishee irra taa'an,

:7

Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota.

:8

Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa haaloo hin ba’anne.

:9

(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta'eedhaRabbiin waan hunda irratti ragaadha.

:10

Dhugumatti, isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'Islaamni (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira.

:11

Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jiraSun milkii guddaadha.

:12

Dhugumatti, qabaan Gooftaa keetii daran cimaadha.

:13

Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa.

:14

Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha

:15

(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha.

:16

Waan fedhe akkaan hojjataadha.

:17

Sila oduun humna waraanaa si ga'eeraa?

:18

(Waraana) Fir'awniifi Samuud.

:19

Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru.

:20

Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha.

:21

Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha.

:22

Luuhii tiikfamaa keessa jira.