Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

82 - The Cleaving - Al-'Infiţār

:1

Yeroo samiin dhodhoote,

:2

Yeroo urjiiwwan harca'an,

:3

Yeroo galaanonni walitti makaman,

:4

Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte,

:5

(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi dhiifte ni beekti

:6

Yaa namootaa! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si gowwoomse?

:7

Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse,

:8

Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)?

:9

Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu.

:10

Dhugumatti, isin irra to’attootatu jiru.

:11

Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an.

:12

Waan isin dalagdan ni beeku.

:13

Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu

:14

Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu.

:15

Guyyaa murtii ishee seenu.

:16

Isaan ishee irraa hin fagaatanu.

:17

Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?

:18

Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?

:19

(Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenyeGuyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti.