Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

79 - Those who drag forth - An-Nāzi`āt

:1

[Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha).

:2

[Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis.

:3

[Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis.

:4

Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis

:5

(Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha

:6

Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu;

:7

Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa.

:8

Onneen gariin guyyaa san rifattuudha.

:9

Ijji ishee salphattuudha.

:10

Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa?

:11

Sila erga lafee dhumte taanee moo?

:12

Yoo akkas ta'e sun deebii hoongooti" jedhan.

:13

Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa.

:14

Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta'u

:15

Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee?

:16

Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe.

:17

Gara Fir'awn deemi; inni daangaa darbee jira.

:18

Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa?

:19

Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)."

:20

[Muusan] mallattoo guddaa isa (Fir'awniin) agarsiise.

:21

Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse.

:22

Ergasii ariifataa gara gale.

:23

Sana booda walitti qabee lallabe:

:24

“Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe.

:25

Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe.

:26

Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira.

:27

Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare.

:28

Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.

:29

Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse.

:30

Dachii sana booda sirreesse.

:31

Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase.

:32

Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.

:33

Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe].

:34

Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte,

:35

Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu,

:36

(Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mul'atte,

:37

Namni daangaa dabree,

:38

Jireenya addunyaa kanaa filate,

:39

Dhugumatti, teesson isaa jahannami.

:40

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge,

:41

Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati.

:42

[Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu.

:43

Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta?

:44

Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti.

:45

Dhugumatti, ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti.

:46

Isaan guyyaa ishee argan waan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata