Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

71 - Noah - Nūĥ

:1

Nuti "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra

:2

(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.

:3

Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.

:4

"Dilii keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisaBeellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamuOdoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).

:5

(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame.

:6

Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe.

:7

Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurra isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan.

:8

Ergasii lallabeen isaan waame.

:9

Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase.

:10

‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; dhugumatti Inni Akkaan Araaramaadhan’ jedhe.

:11

Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga.

:12

Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabalaAshaakiltii isiniif godheeti laggeenis isiniif taasisa.

:13

Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?

:14

Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.

:15

Sila akka Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti uume hin arginee?

:16

Isaan keessattis ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.

:17

Rabbiinis biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.

:18

Ergasii ishee keessatti isin deebiseeti, baasuus isin baasa.

:19

Rabbiinis dachii afata isiniif godhe.

:20

Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.

:21

Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.

:22

Tooftaa gurguddaa baasan

:23

‘Gabbaramtoota keessaniis hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.

:24

Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiruMiidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”

:25

Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifamanii ibidda seensifamanRabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne.

:26

Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.

:27

Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).

:28

Gooftaa kiyya! Anaaf, abbaafi haadha kiyyaaf, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneef, mu'uminootaafi mu'umintittiifis araaramiKaafirootaafis badii malee hin dabalin.”