Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

44 - The Smoke - Ad-Dukhān

:1

Haa Miim.

:2

Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha).

:3

Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra.

:4

Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama,

:5

Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra

:6

Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.

:7

(Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa).

:8

Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati.

:9

Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu.

:10

Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi.

:11

(Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha.

:12

(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu).

:13

Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata?

:14

Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan.

:15

Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha.

:16

Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha.

:17

Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe.

:18

“Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe).

:19

“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis.

:20

“Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe.

:21

Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”

:22

Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe).

:23

(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota.

:24

Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.”

:25

Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan.

:26

Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis.

:27

Qananii ishee keessatti gammadaa turanis.

:28

Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne.

:29

Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre.

:30

Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne.

:31

Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera.

:32

Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne.

:33

Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine.

:34

Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu:

:35

“Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu.

:36

Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”

:37

Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine.

:38

Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne.

:39

Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.

:40

Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati.

:41

Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha.

:42

Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.

:43

Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’

:44

Nyaata dilaawaati.

:45

Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa.

:46

Akka danfuu bishaan ho’aatti.

:47

(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.

:48

Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa.

:49

Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee!

:50

Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama).

:51

Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa.

:52

Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa.

:53

Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu

:54

Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne

:55

Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu.

:56

Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse.

:57

Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha

:58

Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne.

:59

(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha.