Mana Kitaabaa Islaamaa Hundaa

25 - The Criterion - Al-Furqān

:1

Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte.

:2

[Inni] Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta’e; ilmas kan hin godhatin; kan mootummaa [isaa] keessattis hiriyaan Isaaf hin jirreefi waan hundaa uumee akka isaaniin maluun sirreesse

:3

Isaa gaditti gooftolee homaa hin uumne kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuufi du’a irraa kaasuus hin dandeenye [gabbaramoo] godhatan.

:4

Warri kafaran “kun soba inni (Muhammad) of irraa uumeefi namoonni biraa irratti isa gargaaran malee waan biraatii miti” jedhanDhugumatti isaan miidhaafi cubbuu rawwatanii jiru

:5

“(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheenis ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan

:6

”Isa samiifi dachii keessatti iccitii [hunda] beekutu isa buuse” jedhiDhugumatti, Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eera

:7

Isaanis “kan nyaata nyaatuufi magaalota keessa adeemu kun ergamaa akkamiiti? Sila maaliif maleykaan gara isaa buufamanii isaa wajjin dinniinaa hin taane” jedhan.

:8

”Yookiin immoo maaliif qabeenyi guddaan wahii gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu)Miidhaa hojjatoonnis “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan.

:9

Akka isaan fakkeenya siif godhanii jallatanii karaa sirrii [argachuu] hin dandeenye ilaali (xiinxali).

:10

Inni (Rabbiin) yoo fedhe waan san irra caalu, Jannata jala ishee laggeen yaatu siif godhee gamoowwanis siif godhu toltuun isaa baay’ate.

:11

Dhugumatti isaan Qiyaamaa ni sobsiisanNama Qiyaamaa sobsiiseefis ibidda boba’aa qopheessinee jirra.

:12

Yeroo iddoo fagoo irraa isaan argite dallansuufi halaaka (iyya akka harree) isheef ni dhagahu.

:13

Yeroo takaalamanii (harki isaanii morma isaaniitti hidhamee) ishee irraa iddoo dhiphootti darbamanis achitti badii waammatan.

:14

“Har’a badii tokko qofa hin waaminaatii badii hedduu waamaa” [hin argattanu isaaniin jedhama].

:15

”Sila kanatu caalamoo Jannata yeroo hundaa ishee warri Rabbiin sodaatan baallamamantu caala?” jedhiinIsheen isaaniif mindaafi itti gala taateetti

:16

Kan keessatti hafan ta’anii ishee keessatti wanta fedhan hundatu isaaniif jira; [Kunis] gooftaa kee irratti waadaa kadhatamaa (kan mu’uminoonni duraan Rabbiin kadhatan) ta’eera.

:17

Guyyaa Rabbiin isaaniifi wantoota isaan Rabbii gaditti gabbaran walitti qabee “sila gabroota kiyya kanneen isintu jallisemoo isaanumatu karaa bade?” jedhu san [yaadadhu].

:18

[Isaanis] “[yaa Rabbi!] Ati qulqulloofte! Sii gaditti gargaartota (jaalalleewwan) godhachuun kan nuuf malu hin taane; Garuu hanga gorsa [kee] dagatanii ummata bade ta’anitti Ati isaaniifi abbootii isaaniis qanansiifte” jedhan.

:19

Dhugumatti, waan isin jettan keessatti isin sobsiisaniiruKanaafuu [adabbii Rabbii] deebisuus ta’ee [warra adabbiin tuquuf] tumsuu hin dandeessanNama isin irraa miidhaa hojjates adabbii guddaa isa dhandhamsiifna.

:20

Siin durattis ergamoota irraa kan nyaata nyaataniifi magaalota keessa deeman taasifnee malee hin ergine; garii keessan gariidhaaf mokkoroo taasifne; ni obsituu? Gooftaan kee [waan hunda] argaadha

:21

Warri qunnamtii keenya hin sodaanne “sila maaliif Maleykonni nutti hin buufamne? yookiin maaliif Gooftaa keenya hin argine?” jedhanDhugumatti, isaan lubbuu isaanii keessatti boonaniiru; jallina guddaas jallataniiru

:22

Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru[Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti) dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu.

:23

Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone.

:24

Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha

:25

Guyyaa samiin duumessaan dhodhootuufi Maleykonni[] bu’iinsa buufamanis [yaadadhaa]!

:26

Mootummaan dhugaa guyyaa san kan RahmaaniInni guyyaa kaafiroota irratti cimaa ta’eedha.

:27

Guyyaa miidhaa hojjattoonni “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhee [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa].

:28

”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee onnee taasifachuu baadhee maal qaba!

:29

Dhugumatti, gorsa irraa erga inni natti dhufee booda na jalliseera.” Sheyxaanni namaaf salphisaa ta’eera.

:30

Ergamichis “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan” jedhe.

:31

Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif gooneKaraa irratti qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha.

:32

Isaan kafaran ni jedhan: “Maaliif Qur’aanni hundi al tokko isarratti hin buufamin?” Akka kanatti onnee kee isaan gadi dhaabuuf jecha (adda addaan buufne)Suuta suutaan isa ibsine

:33

Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaarii ta’e siif kennine malee gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan

:34

[Isaan] warra fuula isaanii irratti gara jahannam oofamaniidhaIsaan warra iddoo hamaa qubataniifi karaas jallataniidha.

:35

Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba (Tawraatiin) kenninee Obboleessa isaa Haaruuniinis isa waliin deeggaraa taasifnee jirra.

:36

”Gara warra keeyyattoota keenya sobsiisanii deemaa” isaaniin jenneAchumaan [ergamaan lamaan sobsiifnaan] balleessuu isaan balleessine.

:37

Ummata Nuuhis yeroma isaan ergamoota sobsiisan isaan dhidhimsinee namootaafis mallattoo isaan taasifneMiidhaa raawwattootaafis adabbii laalessaa qopheessineerra.

:38

[Ummata] Aad, Samuud, warra Eelaa[]fi jaarrota baay’ee jidduu sana jiranis (balleesinee jira)

:39

Hunda isaanitiif fakkeenyota taasifnee jirraHunda isaaniis barbadeessuu barbadeessinee jirra

:40

Dhugumatti, isaan Magaalattii Roobni hamaan itti roobe irra qaxxaamuraa turaniiruSila isaan kan ishee argan hin taanee [maaliif hin gorfamne]? Dhugaatti kaafama [Qiyaamaa] kan sodaatan hin taane.

:41

Yeroo si arganis “Isa kanaa inni Rabbiin ergamaa taasisee erge” jechuun qishnaa malee waan biraa si hin taasifatanu

:42

”Odoo nuti isaan [gabbaruu] irratti obsuu baannee, silaa (Muhammad) gabbaramtoota keenya irraa nu jallisuutti dhihaatee ture” (jedhu)Fuulduratti yeroo adabbii argan immoo namni karaa bade eenyuun akka ta’e beekuuf jiru

:43

Sila nama gabbaramaa isaa fedhuma lubbuu isaa taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiksaa (eegaa) taataa?

:44

Sila ati irra baay’een isaanii ni dhaga’u yookiin (waan itti himame) ni hubatu jettee yaaddaa? Isaan akka beyladaa malee waan biraa hin taaneInumaa isaan (horii) irra karaa jallatoodha

:45

Sila gara Gooftaa keetii akkamitti Gaaddisa akka diriirse hin ilaallee?[] Odoo fedhees turaa isa taasisa tureErgasii Aduu (jiraachuu) isaa (gaaddisaa) irratti ragaa taasifne

:46

Ergasiis qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne (hir’isne)

:47

Inni (Rabbiin) Isa halkan uffata, hirriba immoo boqonnaa isiniif taasiseefi Guyyaas yeroo olii gadi sochootan taasiseedha

:48

Ammas Inni Isa rahmata (bokkaa) isaa dura qilleensa gammachiisaa godhee ergeedhaSamii irraas bishaan qulqulluu buusne

:49

Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi waan uumne irraa horiifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne]

:50

Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirraIrra hedduun namaas kafaruu malee [amanuu] ni didan.

:51

Odoo feenee magaalota hunda keessatti akeekkachiisaa ni ergina ture

:52

Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i.

:53

Inni Isa galaana lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiisee jidduu isaan lamaanittis dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha.

:54

Ammas Inni Isa bishaan irraa nama uumee ergasii fira (sanyii)fi soddaa tasiseedhaGooftaan kee danda’aa ta’e

:55

Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadneefi hin miine gabbaruKaafirri Gooftaa isaa irratti deeggaraa [sheyxanaa] ta’eera

:56

Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine

:57

Jedhi: “Isa irratti mindaa isin hin gaafadhu; garuu namni karaa gooftaa isaa qabachuu fedhe [haa saddaqatu].”

:58

Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhuFaarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessiBadii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.

:59

Inni Samiifi Dachii, akkasumas waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) RahmaaniKanaaf haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu.

:60

Yeroo Rahmaaniif sujuuda godhaa jedhaman “Rahmaan immoo maali? Waanuma isin nu ajajjan hundaaf sujuuda goonaa?” jedhuKunis Rabbirraa] fagaachuu isaaniif dabale.

:61

Inni Samii keessatti buruuja[] taasisee ishee keessattis (biiftuu) ifaafi ji’a ibsaa taasise khayriin Isaa baay’ate.

:62

Inni Isa halkaniifi guyyaa namoota gorfamuu fedhaniif yookiin galata galchuu fedhaniif wal irraa bakka bu’aa taasiseedha

:63

Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deeman; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaaman” (nagaa) jedhanuudha

:64

Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha

:65

Ammas warra jedhani: “(yaa) Gooftaa keenya! adabbii jahannam nurraa deebisi; dhugumatti adabbiin ishee kan nama irraa hin deemneedha.

:66

Dhugumatti, isheen iddoo qubannaafi jireenyaa ta’uun fokkattee jirti.”

:67

Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha.

:68

Ammas isaan Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedhaNamni (hojii gadhee) kana raawwate, adabbii qunnama

:69

Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifamaIsa keessa salphifamaa ta’ee yeroo hunda jiraatas.

:70

Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate maleeIsaan sun Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiiraafRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera

:71

Namni tawbateefi gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaarii gara Rabbiitti deebi’ee jira.

:72

Ammas (gabrooni Rabbii) isaan ragaa cubbuu hin baaneefi yeroo tapha bira qaxxaamuranis kabajaadhaan qaxxaamuraniidha.

:73

Ammas isaan yeroo keeyyattoota Gooftaa isaanitiin yaadachiifaman [kan hubataniifi fudhatan ta’anii malee] duudaafi jaamaa ta’anii ishee irratti hin kufneedha.

:74

Ammas warra “Gooftaa keenya! Niitolii keenyaafi sanyii keenyas gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenniWarra Rabbiin sodaataniifis imaama (dursaa) nu taasisi” jedhanuudha.

:75

Isaan sun waan obsaniif jecha (Jannata keessatti) iddoo ol aanaa ta’e (gamoo) mindeeffamuIshee keessattis kabajaafi nageenya qunnamu

:76

Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIsheen iddoo qubannaafi jireenyaa kan akkaan miidhagdeedha

:77

Jedhi: “Odoo kadhaan (Iimaanni) keessan jiraachuu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattuu isin hin lakkaa’u tureDhugumatti isin sobsiiftanii jirtuKanaaf adabbiin (isiniif qophaa’e) kan yeroo hunda isin waliin jiraatu ta’a.”