107 - The Small kindnesses - Al-Mā`ūn
:1
Isa qormaata sobsiisu argitee?
:2
Sun isa yatiima humnaan deebisu.
:3
Hiyyeessa nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaafne.
:4
Warra salaataniif badiin mirkanaa’e.
:5
Isaan sun warra salaata isaanii irraa dagatan.
:6
Isaan warra (dalagaa namatti) agarsiifataniif.
:7
Isaan meeshaa ergisaa dhorgataniif (badiin mirkanaa’e)